header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa Heeraan ala aangoo qabachuuf sochii godhamu kan hin obsine tahuu akeekkachiise

Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad dabarfamuu filannoo biyyoolessaa fi murtee fudhatame ilaalchisuun ibsa Khamiisa har’aa kenneen, Mootummaan filannoon akka gaggeeffamu kutannoodhaan hojjataa kan ture tahus, sababa weerara vaayrasii koroonaatin Boordiin Filannoo Biyyoolessaa sagantaa qabameen filannoo gaggeessun akka hin danda’amne beeksisuu hime.

Dr Abiy akka jedhetti, dabarfamuu filannoo ilaalchisee akka seeraa fi heeraatti marii geggeeffameen, danqaa heeraa muudatu furuuf hiikkaan heeraa akka filmaataatti fudhatamee; Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiinis ragga’ee jira jedhe. Haaluma kanaan Paartiin Badhaadhinaa hanga filannoon gaggeeffamutti biyya kan bulchu tahuu ibse.

Dr Abiy Paartiileen siyaasaa tokko tokko Hiikkaa Heeraa mormuun mootummaan ce’umsaa akka dhaabbatu kan gaafataa jiran tahuu ibsuun, dimokraasii gabbisuuf mootummaa ce’umsaa ijaaruuf socho’uu irra hiikkaa heeratiin biyya ceesisuun murteessadha jedhe.

Haaluma kanaan qaamota aangoo karaa hin malleen seeraan ala qabachuuf socho’an akkasumas kanneen filannoo seera qabeessa hin tahin geggeessuuf yaalan hunda kan obsine tahuu ibsuun, mootummaan tarkaanfii barbaachisaa fudhachuuf qophii gahaa qabaachuu akeekkachiise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button