header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Muummichi Ministeeraa Hoggantoota Paartiilee mormitootaa waliin mari’aate

Marii guyyaa har’aa galma Waajjira muummicha ministeeraatti geggeeffame kana irratti, filannoon bara dhufu geggeeffamu  ifaa fi haqa qabeessa akka tahuuf,  gaheen gama mootummaa fi paartiilee mormitootaa irra eegamu maal akka tahe,  akkasumas haal dureewwan filannoo kana geggeessuuf barbaachisan irratti baldhinaan kan mari’atan tahuu gabaasni arganne ni ibsa.

 

Muummichi ministeeraa yaada marii kana irratti dhiheesse jidduu, paartiileen mormitoota lakkofsaan heddummaatuu irra,  walitti idaa’amuun humna osoo waliif tahanii filataamaadha kan jedhu keessatti argama. Dr Abiy dabalataanis,  Boordiin Filaannoo Biyyoolessaatis karoora mataa isaa akka baafatuu fi filannoon dhufu haala amansiisaa taheen geggeessuuf akka of qopheessu dhaamsa dabarsee jira.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button