header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muummichi Ministeraa Dr. Abiy Ahmad daaw’annaa hujii Kooriyaa Kibbaa xumuruun gara Jaappaan imale

Dr Abiy Ahmad wal gahii Tumsaa Jaappaan fi Afrikaa (TICAD) jedhamu kan  hoggantooni biyyoota Afrikaa 42 muummicha ministeera Jaappaan Shinzo Abee waliin mari’atan irratti hirmaachuuf har’a ganama gara Jaappaan imale.

 

Jilli Ministeera haajaa Alaa Obbo Gadduu Aandaargaachawtiin durfamu kaleessa galgala Jaappaan magaalaa  Yokohaamaa seenuun, kora hoggantootaa dursuun walga’ii ministeerota Afrikaa fi Jaappaan irratti kan hirmaataa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Korri Tumsa Afrikaa fi Jaappaan bara kana yeroo torbaffaaf mata duree ” misooma humna namaa, teeknoolojii fi kalaqa Afrikaa”jedhuun hagayya 28-30/2019tti kan geggeeffamu tahuun beekamee jira.

 

 

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button