header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Muuziqaan Haraamaa?

©Ustaaz AbdulJabbaar Aliyyii

Gaafataa : Sheekha Muuziqaan Haraamaa?

Sheekha : Ee Haraama. Akka Haraam tahe siif deebisuun dura, mee Wellisaa gara Salaataa, gara Sadaqaa ka’aa jedhee Weellisu agartee? Yoo garte naaf himi.


Dubbiin tanuma. Namni kamuu Muuziqaa yeroo dhageeffatu qalbiin isaa garam akka dabu ni beeka. Rasuulli (Sallallaahu Aleeyhi wossallam) “qalbiikee gaafadhu. Yoo namni Fatwaa siif godhes toltuun waan qalbiinkee itti sabatte. Diliin waan nafsee keessa si hohhooqe kan qoma keessa deddeebi’ee” jedhan. (Sahiih Al Targiib 1734)

Ulamaa’iin sadarkaa Ijtihaadaa gayan waan Ulamaan biroo irratti woliif galan faalleessanii Fatwaa kennuun ni mala. Yoo niyyaan isaanii haqa taate dogongara saniif mindaa tokko qaban. Yoo haqa qunnaman ammoo mindaa lama qaban. Sun akka isaan itti hubatani. Awaammiin/namni ilmii san hin qabne wolii galtee Ulamaa jala deemuu qaba.

Dhimma Muuziqaa irratti wolii galteen Ulamaa Haraama tahuu ibsan.

Ulamaa muraasni “yoo Muuziqaan kara hammeenyaa fi sagaggaalummaatti nama yaame Haraama, ykn Haraamaa miti” warra jedhantu jira. Isaan keessaa worri duraa ibnu Hazmi dha. Worra ammaa keessaahis Imaamu Qardaawii faadha. Ragaa fi hubannoon isaanii akkuma jirutti tahee, isaan kunneen Ulamaa sadarkaa Ijtihaadaa gayani. Akkasuma woliin Muuziqaa jaalalaa fi waan fokkataatti nama yaamu inuma morman. Haraama jedhan.

Akka kamittuu Jumhuura(wolii galtee Ulmaa) jala deemuun dirqama keenna. Abbaan fedhe as utaalee waan kana Halaalchuu hin danda’u. Ragaan Haraamummaa isaa qiyaasaan guutee jira.

5 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button