header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Naannoo Amaaraa Kibba Gondar magaalaa Istee keessatti Masjiidonni gubaman lama tahuu gabaafame.

Kibba Gondar magaalaa Istee keessatti jiraattonni naannichaa amantaa biroo hordofan, Alhada kaleessaa Masjiidota lama ibiddaan gubuun kan barbaddeessan yoo tahu, jiraattonni gareen gurmaayan kun masjiidoota lamaan eega barbadeessanii booda manneen muslimoota irra deemuun kan haleelaa turan tahuu odeeyfannoon ni ibsa.

yeroo jiraattonni naannichaa Masjiidota gubanitti qaamonni mootummaa yakka hamaa kana dhaabsisuuf carraaqqii kan hin godhin tahuu gabaafame. Kanuma hordofuun muslimoonni magaalatti gocha sukkanneessaa kana balaaleffatuun yeroo ammaa hiriira mormii kan geggeessaa jiran tahuun beekamee jira. Dabalataanis mootummaan naannicha dhimmicha irratti hanga ammaa ibsi kenne hin jiru.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button