header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Naannoo Kibbaa Magaalaa Arbeegonaatti sagantaan Da’awaa guddaan geggeeffame

Naannoo Kibbaa magaalaa Arbeegonaatti sagantaan Da’awaa guddaan guyyaa har’aa kan geggeeffame yoo ta’u, hawaasni muslimaa magaalaa Arbeegonaa fi naannawa sanii saganticha irratti kan hirmaate tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Ustaazota Sagantaa kana irratti argaman jidduu; Hayyuu seenaa Pirofeesar Aadam Kaamil, Ustaaz Abuu Haydar(Saadiq Ahmad), Ustaaz Ahmad Musxafaa sagantaa kana irratti argamanii muhaadaraa godhanii jiru.

Ustaaz Saadiq Ahmad mata duree Iisaan Goftaa miti jedhuun ibsa baldhaa kan keenne yoo ta’u, hordoftoota amantaa biroo sagantaa kana irratti hirmaatan jidduu namni 12 gara Amantaa isaanii kan dhalootaa Islaamummatti deebi’uu odeeyfannoon ni addeessa.

 

2 Comments

  1. ALHUU AKUBAAR! GUDDATE ATII YAA RAHAMAN !Masha Allah rabbii isiniraa haa jalatuu obbolwwaan tiyyaa woroni Midiiyaa nuurlhudaa irraa hojjata cufaa kessanu jazan kessan janataa haa ta’u! ani qatuma dubisaa akkanti dawan biyya tenaa kessti babaldhata dhufun injifno guddaa! barii bara nagahatii! TEVE NUURLHUDAA DAWATA application irraan odeyfanoo hordofaa jiraa Alhamdulillaahi rabbiil almiin! jabadhaa rabbiin wolin isiin biraa jiraa in shaa Allah

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button