header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Naannoo Kibbaa Magaalaa Buttaa Jiraatti hiriirri mormii geggeeffame

Jiraattonni magaalaa Buttaa Jiraa fi naannawa isii, walitti bu’iinsa dhiheenya kana dhalattoota godina Guraagee aanaalee Masqaanii fi Maaraqoo keessatti umamee ture, qondaaltonni mootummaa akka ifa hin baane dhoksuuf yaalii godhaa Jiran mormuun kan geggeeffame tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Walitti bu’iinsa dhiheenya kana jiraattota aanaalee Masqaanii fi Maraqoo jiddutti kahe tureen, namoonni 60 ol kan ajjeefaman yoo tahu, manneen 300 ol akka gubamanii fi namoonni hedduun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqifamanii yeroo ammaa buufataaleemagaalaa Buttaa Jiraa keessatti kan argaman tahuus beekameera.

Jiraattoonni magaalaa fi baadiyyaa garagaraa irraa dhufuun hiriira kana irratti argaman kunniin, qondaaltonni mootummaa walitti bu’iinsa uumame kana keessa harka qaban, kanneen jijjiirama siyaasaa amma argame kana gufachiisuuf tattaafii godhaa jiran akka seeratti dhihaatan jechuun gaafatanii jiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button