header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Naannoo Soomalee godina Shinillee keessatti mormiin geggeeffamaa jira

Jiraattoonni naannoo Soomalee Godina Shinillee bulchiinsa naannichaa balaaleffatuun mormii geggeessaa jiran. Mormii guyyoota lama dura Shinillee keessatti jalqabame too’achuudhaaf mootummaan naannichaa Liyyuu poolisii gamasitti kan bobbaase tahuun beekame.

Liyyuu poolisiin naannoo Soomalee gosoota Soomalee kanneen akka Isaa fi Ogaadeen irratti duguuggaa sanyii kanaan dura geggeessa turan ammas raawwachuu malu jechuun Aktivistoonni nannichaa akeekkachisaa jiru.

Gama biraatiin Prezdaantiin naannicha Abdii Umar Muhammad Afaya’ii mana maree naannichaa fi Itti aanaa prezdantii taayitaa irraa kan ari’e tahuun beekameera. Afaya’iin mana maree naannichaa Abdulaziiz Igaal dhalataa Godina Shinillee akka tahe gabaasni arganne ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button