header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Naayjeeriyaan filannoo Prezdaantummaa fi miseensota paarlaamaa torbee dhuftutti dabarsite

Naayjeeriyaan filannoo prezdaantummaa fi miseensota paarlaamaa sabtii har’aa February 16, 2019tti geggeessuuf turte,  February 23, 2019tti kan dabarsite tahuu beeksiste. Ummanni Naayjeeriyaa filannoo guyyaa har’aa ni geggeeffama jedhamee tureef qophaayaa osoo jiru,  komishiiniin filannoo biyyattii hanqina meeshaalee filannoo fi lojistikii isa muudateen guyyaan filannoo torbee dhuftutti kan dabarfame tahuu beeksise.

 

Hogganaan komishiinii filannoo biyyattii Mahmuud Yakubu akka jedhetti, “Murtiin komishiinichaa kun haalaan ulfaataa tahus, filannoo haqa qabeessaa fi bilisa tahe geggeessuuf jecha, guyyaa filannoo kanaa torbaan dhuftutti dabarsuun dirqama nutti tahee jira”jedhe. Haata’u malee murtiin komishiinii filannoo kun paartiilee mormitootaa fi lammiilee Naayjeeriyaa heddu  kan mufachiise tahuu gabaafame. Paartiin mormituu biyyattii guddichi Peoples Democratic Party (PDP) jedhamu ibsa baaseen, “paartiin biyya bulchaa jiru sagalee ummataa hatuudhaaf haala mijeefatuuf,  akka guyyaan filannoo jijjiiramu godhe”jechuun yakke.

Biyyoonni fi dhaabbileen idil addunyaa heddu filannoo Naayjeeriyaa kana taajjabuudhaaf ogeeyyota isaanii gara biyyattiitti kan ergan yoo tahu, Gamtaan Afrikaatis jila taajjabdootaa muummicha ministeera Ityoophiyaa duraanii Obbo Haylamaariyam Dassaalenyiin durfamu garasitti bobbaasee jira.

 

Gama biraatiin ammoo, filaannoo kanaan wal qabatee rakkoon nageenyaa akka hin uumamne,  poolisii fi waraanni biyyattii qophii xumuruu eega ibsameen booda,  Jum’aa kaleessaa Kaaba biyyaattii kutaa Kaduna keessatti hidhattoonni haleellaa gandoota lama keessatti raawwataniin,  yoo xiqqaate namoonni 60 ol kan ajjeefaman tahuu gabaafame. Prezdaant Mahmmaduu Buhaarii waggoota shanan dabran tarkaanfii cimaa hidhattoota irratti fudhateen lammiilee biyyattii heddu irraa deeggarsa cimaa kan horate yoo tahu, ammas yeroo lammaffaaf prezdaantii tahee itti fufuudhaaf kan dorgomaa jiru tahuun ni beekkama. Haata’u malee hogganaan Paartii mormituu PDP Atiku Abubakar prezdaant Buhaarif morkataa cimaa tahuu gabaafame.

 

Naayjeeriyaan ummataa miiliyoona dhibba tokkoo fi miiliyoona 95 kan qabdu yoo tahu,  Afrikaa keessatti bay’inna ummataa fi  guddina diinagdeetiin sadarkaa jalqaba irra jirti. Galiin Naayjeeriyaan qabeenya boba’aa irraa argattu guddaa tahus, malaamaltummaa, walitti bu’iinsaa fi hanqina barnootaatiin wal qabatee, lammiileen biyyattii harki caalan ammas hiyyummaa hamtuu keessa kan jiraatan tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button