header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AkhlaaqaIbaadaa

Nafsee ofii karaa Rabbii irratti leenjisuu

Nafsee ofii karaa Rabbii irratti leenjisuu fi badii fi amala gadhee irraa qulqulleessuun furtuu milkaa’inaati. Namni nafsee ofii qulqulleesse ni milkaa’aa, namni dilii fi cubbuun xureesse immoo ni hoonga’a (kasaara).
Rabbiin Qur’aana keessatti akkana jedha:
[قَدْ أَفْلَحَ مَنْ زَكَّاهَا Û ÙˆÙŽÙ‚َدْ خَابَ مَنْ دَسَّاهَا [سورة الشمس:9ØŒ 10]:
“Namni isii(nafsee ofii badii irraa) qulqulleesse dhugumatti milkaa’e.
Kan isii (nafsee ofii badiin) xureesse dhugumatti hoonga’e.”Suura Ash-Shams 91:9-10

Dalagaawwan nafsee ofii ittiin qulqulleessan keessaaa gurguddoon: salaata halkanii salaatu, soomana sunnaa soomu, beekumsa shari’aa barbaadu fi hojii gaggaarii hojjachuudha.

Dabalataanis hojiiwwan biroo nafsee ittiin leenjisanii fi qulqulleessan:
-Qur’aana haffazuu, itti xinxalluu, qara’uu fi zikrii baay’isuu
– Haadha fi abbaatti tola oolu
-firoomaa sufuu
-Karaa Rabbii keessatti qabsaa’u
-Salaataaf dursa argamuu
-Salaata Jum’aatiif ganamaan argamuu
-Masjiida keessa turu, keessumattuu salaata fajrii, Asrii fi Magriiba booda
-Dubbii faaydaa hin qabne, hamii, jette jettee fi wantoota dhoowwaman biroo irraa fagaachuu
-Qomni qulqulluu ta’uu (waanyoo(hisdii), jibba fi kkf irraa qulqullaa’u)
-Mindaa Rabbirraa abdachu fi rakkoo nama qunnamtetti obsuu
-Namoota gaggaarii waliin taa’u

Madda:sammubani.com irraa gabaabinaan fooyya’ee fudhatame

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button