Namaa fii Sagantaa

Kutaa 1ffaa

Qopheeysaan: AbdulJawaad Ibraahiim

  • Hariiroon namaa fi sagantaa jidduu jirtu maali?
  • Sagantaan maal faarraa jaaramti?
  • Islaamummaa fi sagantaan walitti dhufeenya akkamii qaban?

Waan hunda dura maalummaa sagantaa waliif ibsina. Sagantaan walii galtee sammuu fi yeroo jiddutti fedhinnaa fi jaalalaan mallatteeffamu. Sagantaan uffata yaadaa abbaan qiyaasa ifiitti hodhatu. Meeshaan injfannoo, tan dhaadannoo afaanii gara gochaatti ittiin jijiirru sagantaadha. Furtuun badhaadhinaa, iccitiin jireenyaa,foormuulaan milkaa’inaa kan Rabbii keenyaan baafamee makhluuqaaf kanname sagantaadha.

Sagantaan maal-faarraa jaaramti?

Elemantiin sagantaa niyyaa, fedhii, murannoo, tattaaffii, karooraa fi kaayyoorraa toolfamti. Karoorri jalqaba sagantaa yoo tahu, kaayyoon ammoo gooloba isiiti. Ilma namaatii fi sagantaan addaan baasanii laaluun hin tahu.  Garaagarummaan namaa fi beeyladaa yaaduu fi yaaduu dhiisuu akka tahe ifa. Ilmi namaa fuuldura isaatiif ni karoorfata.  Arra xiinxalee boru tilmaama. Bakka gahuu barbaade saniif waan godhuu qabu wal-duraa duubaan raawwata. Gariin namaa waan hegeree hin beeynuu akkami karoorfannna jechuu mala. Hubadhaa! Silaa fulduraaf saganteeyfachuun dhoorkaa taatee waan hojjachuu teeysaniif ‘‘inshaa’allaah’’ja’aa, qajeelfamni ja’u Islaamuummaadhaan nuuf hin kennamu ture. Suuraa  khaaf  ayaata 24ffaarratti   ‘‘ani boru waan akkanaa niin dalaga hin ja’in, inshaa Allaah jettu malee’’ je’a. Qur’aana keeysatti ‘inshaa’allaah’ jecha ja’u bikka baayyetti ni agarra. Fknf, Nabi Ibraahim ilma isaa Nabi Ismaa’iliin  ‘‘ Rabbiin kiyya akkaan si qalu na ajaje’’ ja’ee wayta itti himu, Nabi Ismaa’iliis (A.S) akkana ja’een ‘‘yaa abbaa koo dalagi waan haajamte, na arguudhaaf teeysa inshaa Allaahu warra obsurraa akkaan tahe’’ ja’een.

Kana malees Nabiin  Rabbii ﷺ soomana ashuuraa ilaalchisuudhaan akkana ja’an. ‘‘inshaa’allaah waggaa dhufu yoo  Rabbiin na jiraachise soomana guyyaa sagalaffaatiis itti aanseetiin soomanaa’’ ja’an. Dhageeyfattoota keenya ragaawwan armaan gadi sadeen wanti isiniif kaafneef, Islaamummaa keeysatti fuulduraaf saganteeyfachuun akka jiru isiniif mirkaneeysuufi. Garuu wanti nama gaddisiisu. Diin keenya amantii karooraa fi kaayyoo osoo tahee jiruu, nuti hordoftoonni heeraa fi seera Islaamummaa cabsinee karooraan ala jiraachu jirra.

Ummanni warra lixaa sagantaadhaan jiruu isaanii gaggeeyfatu. Yeroo saanii sirnaan itti fayyadamu. Nuti garuu yeroo qisaasuun beekkamna. Inumaahuu gafa garii nama sagantaan fayyadamu yeroo agarru ni komanna, ni arrabsina. Yaa obboleeyyan kiyya, haala kana firraa jijjiiruu qabna. Mee gaafii takkaan isin gaafadha. Hojii ibaadaa keeysaa takka tan karooraan ala gaggeeyfamtu naaf himaa. Hin jirtu. Cuftinuu sagantaa fi yeroo mataa isii qabdi. Fknf; salaanni, hajjiin, qur’aana qara’uun ibaadaa. Garuu wal-faana hojjachuu hin dandeenyu. Akkasumaas, akka feenee fi yeroo barbaannetti raawwachuun nuuf hin hayyamamu. Dalagaan ibaadaa hundinuu akkamitti akka dalagamuu qabanii fi yeroon itti gaggeeyfaman ramadameefii jira.Qur’aanaaf hadiisaan nuuf ibsame. Alhamdulillaah Islaamummaan diin sagantaati. Karoora arraaf boruu  Rabbiin qur’aanaan nuuf dhaamee jira.

 

Duniyaarra osoo jirru maal akka dalaguu qabnu, aakhiratti maal akka nu qunnamu, akkamitti akka jiraannu tokko tokkoon lafa nuuf kaayee jira. Fknf;  Rabbiin keenya (S.W) qur’aana isaa keeysatti guyyaan kan carraaqqata, hakan immoo kan hirriibaan hara galfannu akka tahe irra deddeebi’ee nuuf hime. Islaamumman waan takkallee hin hambisne. Mee nutiis milkaawuu yoo barbaanne jiruu teenya qur’aanaa fi hadiisaan haa qindeeyfannu. Ilmi namaa fixraarra kan jiraatu yoo taate karooraan bobbahee gala. Jireenya qonnaan bulaa keenyaa mee xinxalaa. Anaafi isinii baranne, beeyne jennu caalaa sagantaan jiraata. Fakkeenyaaf; waytii birraa ni haammata, arfaasa ni facaasa, walumaa galattuu waanuma waytiin barbaaddu hojjata. Yeroo takka ni qota, yeroo kaan ni facaasa, achi booda biqiltuusaa kunuunfatee san booda firii dadhabbbiisaa oomishasaa sassaabbata. Akkaataa tartiiba dalagaa kana kitaabarraa hin dubbisne, yaadannoo hin barreeffanne uumamaan mataa keeysaa qaba. Akkanattigaa warra ammayyoofne ja’an daran yeroo isaatti fayyadama. Nii’maa  Rabbiin keenya nuuf kanne keeysaa gurguddoon sammuu fi yeroodha. Isaani fayyadamuuf karooraan jiraachuun dirqama.

Aqlii teenya sirritti itti fayyadamuu maaliif akka dadhabne ni beeytanii? Isiniifiin hima. passwordii isiiti irraanfanne. Eeyyeen furtuun qalbii, passwordiin aqliidhaa sagantaadha.  Rabbiin keenya fixraarratti nu uume. Sammun teenyaas uumamumaan sattingii sagantaa ja’amuun malee hin daleeydu. Kanaafigaa waan feene kan hojjachuu dadhabneef, bakka imaammanne kan gahuu hanqanneef, sammuufiitii wajjiin wal lolaa jireenya sirrii jiraachuun akkamitti danda’ama. Aqliin teenya waan sirrii fi nama baasu malee hojjachuuf tole hin jattu, sammuu dirqisiisuun hin tahu. Kanaafuu lubbuu teenya dirqinee haaada karoora ja’amuun hiinee ajaja sammuu teenyaa fudhannee sagantaa baafannee fuulduratti haa imalluu. Bar yoo karooraan jiraanne maasiyaa takkallee hin daleeynu, Waan maalayaanii hin dubbannu, bakkan taanen ollu, sheeyxaana namaa fi jinniitiinille hin dagamnu, nafsiyaan butamnee, akeekaa fi kaayyoo teenyarraa hin dabnu.

Hubadhaa! Agoobarri bookee sheeyxaanaarraa jala dahannuun sagantaadha. Yoo karoora baafannee sagantaa teenyaaf abboomne bookee sheeyxaanaatiin hin hiddamn. Fakkeenyaaf; namni tokko dilii si daleeysisuuf sitti bilbile haa jannu, ati yoo nama sagantaan jiraatu taate. ‘‘Aa lakki amma dhufuun naan mijjaawuu ’’jattaan. Yoo karooraan hin jiraanne garuu, kara deemaa hundaaf hawwaattee, kiyyoo miiraatiin xaxamtee hallayyaa seenuu malta. Kanaafuu mee karooraan jiraachuu haa jalqabnu. Sagantaan jiraachuu wajjiin wal haa barruu. Torbaan inshaa’allaah kutaa 2ffaa kurfii tanaa itti deebina. Ammaaf asumatti dhaabna.

Wassalaamu aleeykum waraahmatullaahi wabarakaatu.

 

Comments
Loading...