
Namni jechi/kalaamni isaa kan xumuraa “Laa’ilaaha illaa Allaah” tahe milkaahe
وَعَنْ عُثْمَانَ رضي الله عنه قَالَ: قَالَ رسول الله ﷺ: «مَنْ مَاتَ وَهُوَ يَعْلَمُ أَنَّهُ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللهُ دَخَلَ الجَنَّةَ» أَخْرَجَهُ مُسْلِمٌ《
Usmaan (ra) irraa akka odeeyfametti, Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan: Namni haqaan gabbaramaan Rabbiin malee akka hin jirre osoo beekuu du’ee jannata seene”
Muslim gabaase
وعَنْ عِتْبَان بْنَ مَالِكٍ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ: ” فَإِنَّ اللَّهَ قَدْ حَرَّمَ عَلَى النَّارِ مَنْ قَالَ: لاَ إِلَهَ إِلَّا اللَّهُ، يَبْتَغِي بِذَلِكَ وَجْهَ اللَّهِ “
Itbaan bin Malik irraa akka odeeyfametti ammoo Ergamaan Rabbii ﷺ ni Jedhan: “nama fuula Rabbii barbaacha haqaan gabbaramaan Rabbi malee hin jiru jadherratti, Rabbiin ibidda haraam irratti godhe”
وعَنْ أَنَسٍٍ، قَالَ: قَالَ رَسُوْلُ اللهِ《ﷺ》: مَنْ مَاتَ وَهُوَ يَشْهَدُ أَنْ لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا رَسُولُ اللهِ، صَادِقًا مِنْ قَلْبِهِ، دَخَلَ الْجَنَّةَ.- وفي رواية: مَنْ قَالَ عِنْدَ الْمَوْتِ: لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللهُ، مُخْلِصًا، دَخَلَ الْجَنَّةَ. ( )
Hadiisa Anas (ra) irraa odeeyfame keessattis Ergamaan Rabbii ﷺ akkana jedhan “namni qalbii dhugaatiin haqaan gabbaramaan Allaah malee hin jiru, Muhammad Ergamaa Allaah ti jadhee haala ragaa bahuun du’e Jannata seene”