header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
IbaadaaOg-Barruu

Namni Rabbitti amane maal argata?

Eegaa Rabbitti amanuuf, Rabbi gabbaruuf uumamne. Qabeenyi guddaan harka Rabbii waan jiruuf namni Rabbitti amane ammoo badhaasa qaba. Badhaasa tokko addunyarratti, tokkommoo Aakhiraatti argata. Badhaasni addunyaa tasgabbii qalbiiti, badhaasni Aakhiraa ammoo Jannata. Qur’aanni Suuraa Al An’aam Aayata 82 irratti akkana jedha.

*الَّذِينَ آمَنُوا وَلَمْ يَلْبِسُوا إِيمَانَهُم بِظُلْمٍ أُولَٰئِكَ لَهُمُ الْأَمْنُ وَهُم مُّهْتَدُونَ*

*Isaan amananii Iimaana isaanii miidhaa(Shirkiin) hin makin, isaaniif tasgabbiitu jira. Isaan qaceelfamoodha*

Rabbi cinaa waa qabnee gabbaruu(Shirkii) irraa fagaannaan, kophxeessinee tokkichoomsinee Rabbi gabbarraan nagayaafi Jannata arganna. Gabricha dalagaa gaarii dalage Rabbiin hin salphisu. Ergamaan Rabbii(SAW) “Haqni gabroottan Rabbi irraa qaban, nama isatti humaa hin qindeessin adabuu dhabuudha” jedhe.

“..وحقَّ العباد على الله أن لا يُعذِّب Ù…ÙŽÙ† لا يُشرك به شيئًا”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button