header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Namtichi nama du’e ni kaasa jechuun qabriin akka qotamee banamu godhe  hidhame

Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Limmuu magaalaa Galiilaatti namni Geetaayaawuqaal Ayyalaa jedhamu, nama Balaay Biiftuu jedhamu kan Wixata dabre du’e eega awwaalame guyyaa afur booda du’a irraa ni kaasa jechuun maatii nama du’ee bira dhaquun qabrii bansiise.  Namtichi ani “Nabiyyi” ufiin jedhu kun maqaa namticha du’ee waamaa akka ka’u gaafataa kan ture tahuu gabaasni BBC ni mul’isa.

 

Namtichi Geetaayawuqaal jedhamu kun uffata mataa reeffaatti maramee ture irra fuudhuun itti gadi  jedhee “Baalay ka’I, Balaay ka’I”jechuun itti iyyaa ture. Dhuma irrattis jijjiirama tokkollee dhabnaan hin danda’amne jechuun qabrii keessa  kan bahe tahuus gabaasni kun ni mul’isa.

 

Gochi Obbo Geetaayawuqaal Ayyalaa maatii fi hawaasa naannichaa kan dallansiise akka tahee  fi namichi poolisaan too’atamee kan qoratamaa jiru tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button