header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Namtichi Qur’aana Mana Fincaaniitti darbe hidhaa waggaa 12tiin adabame.

Namni yakka kana raawwate Girmaa Yittaagazaw jedhama. Jiraataa Godina Jimmaa Aanaa Saxxamaa Magaalaa Saxxammaati. Namni kun Kiristaanummaarraa gara Islaamummaa kan deebi’ee ture yoo tahu, eega Amantaa Islaamummaa qabatee booda ammas amantaa isaa gara kiristaanummaa kan jijjiirrate tahuun beekameera.

Nutis dubbii tana qulqulleeffachuuf Jiraataa naannichaa kan dubbii tana quba qabu gaafannee mirkaneeffannee jirra. Jiraataan Magaalaa Saxxamaa kun akka nuuf himetti;
“Namtichi kun amma duras gocha akkanaa kana kan raawwatee ture yoo tahu, Obboleessi isaa ‘wanti kun hawaasa walitti buusuu danda’a’ jechuun dhokseefii ture. ammas yeroo 2ffaatiif torban dabre keessa Qur’aana ilmi isaa irraa qara’u mana fincaaniitti jalaa darbinaan, ilmi isaa ijoollee waliin qara’utti himee dubbiin hawaasa dhaqqabde. Ulamaa’onniifi Manguddoonni naannichaa hawaasni akka jeequmsa hin kaasne tasgabbeesuun, namichi toohannaa seeraa jala akka oolu godhamee jira.

Namticha kana Poolisiin Qorannoo irratti gaggeessuun eega ragaan mirkaneessee booda, guyyaa har’aa manni murtii Aanaa Gaattiraa hidhaa waggaa 12 kan irratti murteesse tahuu maddeen nuuf gabaasan.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button