header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Obbo Baqqalaa Garbaa murtiin Mirga wabiitiin akka mana hidhaatii bahu kennameef haqame

Manni murtii ijibbaataa Federaalaa, ajaja manni murtii Fedaraalaa Obbo Baqqalaa Garbaa mirgi wabii isaa eeggameefi akka gadhiifamu murteesse haqe.

Murtii kanas har’a ganama qondaaltonni mana hidhaa Qiliinxoo Obbo Baqqalaa waamanii kan itti himan tahuu odeeyfannoon arganne ni mul’isa. Dhaddachi ijibbaata mana murtichaa ‘dogoggorri bu’uura seeraa’ jira jechuun mirga wabii kennee ture dhorkuu isaa abukaatoon obbo Baqqalaa, Obbo Abduljabbaar Huseen BBCtti hime. Dhaddachi ijibbaataa mana murtii waliigalaa Federaalaa dhimma kana A.L.I Sadaasa 14, bara 2010tti beellameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button