header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Obbo Geetaachaw Asaffaa dabalatee hoggantootaa fi hojjattoota Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa 26 irratti himannaan baname

Abbaan Alangee Federaalaa ibsa baaseen akka jedhetti, qorattoota yakkaa Komishiinii Poolisii Federaalaa, hoggantoota Manneen hidhaa fi hoggantoonni Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa yakkoota mirga namoomaa sarbuu hamaa raawwachuun shakkamanii yeroo dheeraaf qorannaan yakkaa bal’aa kan isaan irratti gaggeeffamaa ture tahuu beeksise.

 

Haaluma kanaan Abbaan Alangee Federaalaa qorannaa yakkaa xumuruun  shakkamtootarratti galmee yakkaa 3’n himannaa kan bane yoo tahu,  ragaaleen Abbaa Alangee mana murtiitti dhageeffatamaa kan jiran tahuu ibse.

 

Himannaan amma hoggantootaa fi hojjattoota Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa 26 irratti baname kun marsaa sadaffaa fi kan xumuraa tahuu ibsame.

 

Namoota marsaa kanaan himataman jidduu 22 hidhaa irra kan jiran yoo ta’u, Daayrektara Ol’aanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyoolessaa duraanii Obbo Geetaachaw Asaffaa dabalatee obbo Atsibahaa Giday, obbo Asaffaa Balaayii fi obbo Shishaay Li’uul bakka isaan hin jirretti har’a Ebla 29,2011 Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti himannaan irratti baname.

 

7 Comments

  1. Maashaallahdha jabaadha isin wajjin jirra rabbii isin wajjin haa jiraatuu isin hordofaa jiraa .haaluma kanaan itti fuufa
    bayee natti toltaan

  2. Maashaallahdha jabaadha isin wajjin jirra rabbii isin wajjin haa jiraatuu isin hordofaa jiraa .haaluma kanaan itti fuufa
    bayee natti toltaan

  3. Jabaadhaa Rabbiin isin haa gargaaru.Amrii Rabbiiti
    in fuundurri badhaadhinaa fi magariisa. Tajaajila keessan irraa fayyadamutti jirra.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button