header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Obbo Haylamaariyaam Dassaaleny humnaan qabamee mana murtiitti akka dhiyaatu gaafatame


Obboo Baqqalaa Garbaa fi hooggantoonni KFO biroo himannaa isaan irratt dhiyaateef, Obbo Hayilamaariyam Dassaleny ragaa ittisa akka ta’uuf mana martii Ol’aanaa gaafachuun isaanii ni yaadatama. Haaluma kanaan mannii murtichaatis Obbo Hayilamaariyam dhaddacha guyyaa hardhaa irratti akka dhiyaatuuf waamee kan ture yoo tahes, osoo hin dhiyaatin hafee jira.
Waajjirri muummicha ministeraa xalayaa mana murtiitiif barreesseen Obbo Hayilamaariyaam Dassaaleny sababaa hujiin itti baay’ateef mana murtiitti kan hin dhiyaatin tahuu beeksise. Abukaatonni himatamtootaa muummichi ministeeraa amma yoo mijaahuufi dhabaate, beellamni biroo akka kennamuuf, inumaayyuu dhihaachuudhaaf yoo kan didu ta’e ammoo seera biyyattii cabsuu akka tahu ibsan.

Obbo Baqqalaa Garbaa gama isaatiin muummichi ministeera poolisiin dirqisiifamee gara mana murtichaa akka dhiyaatuuf gaafate.Manni murtichaatis dhimma kana irratti murtii kennuudhaaf har’a waaree boodatti beellamee jira. Haaluma walfakkaatuun aangawoonni mootummaa kanneen akka Obbo Lammaa Magarsaa, Abbaa Duulaa Gammadaa, Abiyyi Ahmad fi Aadde Caaltuu Saanii guyyoota lamaan keessatti ni dhiyaatu jedhamee eeggama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button