header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Obbo Jawaar Muhammad Hiriirri mormii Godinaalee Oromiyaatti geggeffamaa jiru akka dhaabatu gaafate

Halkan dheengaddaa waardiyoonni Aktivistii fi Daayrektara OMN Obbo Jawaar Muhammad haal duree tokko malee eeggumsa isaa addaan kutanii akka bahan ajajamuun jaraa eega dhagahamee booda, godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti guyyaa kaleessaa irraa kaase ummanni hiriira mormii cimaa godhaa oole.

Hiriira guyyaa kaleessaa fi har’aa geggeeffame kanaan lubbuun nama galaafatamuu fi qabeenyi hedduun barbaada’uu odeeyfannoon ni addeessa.

Haluuma kanaan Aktiviistii fi Daayrekterri OMN obbo Jawaar Muhammad barreeffama fula fesbuka isaa irratti maxxanseen, “marii dhimmicha irratti guyyaa har’aa hoggantoota dhaabilee siyaasaa fi manguddoota biyyaa waliin gooneen, qaamoleen Hiriira mormii guyyoota lamaan kanaatti geggeeffame kallattii biraa qaabsiisuuf shira xaxxaa jiran jiraatuu hubannee jira, akkasumas mormiin tasa itti seenne kun ergaa barbaachisaa waan dabarseef, kana booda mormii itti fufuun immoo qaamolee shira biraa xaxxaa jiraaniif hiree ta’a, kanaaf mormiin geggeeffamaa jiru akka dhaabatu kabajaan gaafanna”jechuun dhaamsa dabarse.

Kanuuma hordofuun magaaloota hiriirri mormii itti geggeeffamu turanitti, dargaggoonni daandiiwwan cufamanii turan banuu fi magaaloota qulqulleessaa jiraatuu odeeyfannoo ni addeessa.

9 Comments

  1. Mormiin dhabnee jiraa garuu Yoon issaan qufaan ittii debi’uun keenyaa hin hafuu kaan jawaarin dhufee mataa oroomootin dufee Wan tayeef

  2. Jawwari kenyaaa nuu egamuu qabaa akkasumaa Gochiii akkanaa lammataa akkaa hin debineee akekachusaa qabdaniii👂👂👈

  3. Jawwari kenyaaa nuu egamuu qabaa akkasumaa Gochiii akkanaa lammataa akkaa hin debineee akekachusaa qabdaniii👂👂👈

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button