Obbo Shimallis Abdiisaa hogganaa mootummaa naannoo Oromiyaa tahuun muudame

Caffeen Oromiyaa Yaa’ii ariifachiisaa hardha geggeesseen Obbo Shimallis Abdiisaa Itti aanaa Prezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa godhuun muude.

Prezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Lammaa Magarsa Ministeera Raayyaa Ittis Biyya tahuun kan muudame yoo tahu, bakka isaa immoo Obbo Shimallis Abdiisaa Itti aanaa Prezdantii mootummaa naannoo Oromiyaa tahuun muudamee jira.
Obbo Shimallis Abdiisaa miseensa mana maree federaalaa yoo tahu, sadarkaa Itti aanaa prezdaantiin Naannoo Oromiyaa kan hoogganu ta’a.

Comments
Loading...