header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaaOdeeyfannoo

Ogeeyyonni Fayyaa Afgaanistaan 300 ol Vaayirasii koroonaatiin qabamuu gabaafame

Afgaanistaan keessatti hanqina meeshaa ittisa Vaayirasiitiin wal qabatee, ogeeyyoonni Fayyaa baay’inaan vaayirasichaaf saaxilamaa jiraatuu gabaafame. Qondaaltonni Fayyaa biyyattii akka jedhanitti, hanga Khamiisa kaleessaatti magaalaa guddoo biyyattii keessatti qofa, namoota 925 vayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 346 ogeeyyoota fayyaati. Dabalataanis hanga ammaatti Doktoroonni 13 sababa vayirasii koroonaatiin du’uu odeeyfannoon ni addeessa.

Weerara vaayirasichaa biyyattii keessatti hammaataa dhufeen ogeeyyonni fayyaa hedduminaan dhibee kanaaf saaxilamaa jiraatuun eega dhagayamee booda, manneen yaalaa kanneen dhuunfaa heddu cufamaa jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Ministeerri Fayyaa Afgaanistaan hanga Khamiisa kaleessatti guutuu biyyattii keessatti, namoota 3,563 vaayirasichaan qabaman jidduu 106 du’uu beeksise. Haata’u malee nannolee to’annoo Xaalibaan jala jiran dabalatee kutaaleen biyyattii heddu, ragaa weerara COVID-19 wal qabatu mootummaa jiddu galeessaatiif kan hin ergine akka taheefi, kunis biyyattii keessatti weerarri Vaayirasii koroonaa sadarkaa akkamii irra akka jiru qajeellotti kan hin beekamne tahuu ibsame.

Mootummaan biyyattii weerara vaayirasichaa to’achuuf gama danda’ame hundaan kan carraaqaa jiru tahus, haalli walxaxaan biyyattiin keessa jirtu danqaa hamaa itti tahuu beeksise. Guyyaa kaleessaa ammoo Ministeerri Fayyaa Afgaanistaan Ferozuddiin Feroz mataan isaa vaayirasii koroonaatiin qabamuu gabaafame.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button