header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Ogeeyyonni UN ajjeechaa Gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii qorachuuf Istanbul seenan

Gareen ogeeyyota UN affeerraa mootummaa Turkiyaatiin  guyyaa hardhaa Istanbul seene kun,  dhaabbatichatti  qorattuu addaa dhimmoota Yakka ajjeechaa  kan taate Miss Agnes Callamard’n kan hogganamu yoo tahu, qonsila Istanbul seenuuf mootummaa Sa’uudiitiif gaafii hayyamaa kan dhiheesse tahuun beekameera. Haa ta’u malee mootummaa Sa’uudii irraa hanga ammaatti deebisaan kan hin kennamin tahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Gareen ogeeyyota Seeraa fi ogeeyyota qorannoo yakka ajjechaa of keessatti hammate kun,  Isniina har’aa ministeera haajaa alaa Turkiyaa waliin kan mari’ate yoo tahu, haaluma wal fakkaatuun guyyaa boruu ammoo Abbaa alangaa biyyattii waliin wal arguuf kan karoorfate tahuu gabaafame.

 

Gaazexeessaa Jamaal Khaashoqjii October 2/2018 qonsilaa Sa’uudii Istanbul keessatti argamu eega seenee booda, humnoota tikaa mootummaa Sa’uudiitiin kan ajjeefame tahuun ni yaadatama.

Agnes Calammardi

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button