header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Paakistaan Xiyyaarota waraana Indiyaa lama rukutuu beeksiste

Paakistaan xiyyaarota waraana Indiyaa lama daangaa qilleensa isii seenan rukuttee kuffisuufi, akkasumas Paayileetota lama kan boojite tahuu beeksisste. Dabalataanis waraanni Indiyaa halkan edaa meshaa waraanaa gurguddaan haleellaa Kaashimiir gama Paakistaan keessatti raawwateen namoonni nagayaa afur kan ajjeefaman tahuu himte.

 

Dubbi himaan waraana Paakistaan Maj. Jeneraal Asiif Ghafuur akka jedhetti, haleellaa Indiyaan Paakistaan keessatti raawwatte kana hordofuun, humni qilleensa Paakistaanis misaa’ela gara Indiyaatti dhukaasuun buufataalee waraanaa rukutuu ibse.

 

Indiyaan haleellaa Paakistaan raawwatte kana booda ganama har’aa buufataalee Xiyyaaraa afur kanniin Kaaba biyyattiitti argaman kan cufte yoo tahu, haaluma wal fakkaatuun Paakistaanis imala xiyyaara gara magaalota Lahore fi Peshawar godhamu yeroodhaaf kan dhaabde tahuu beeksiste.

 

2 Comments

  1. sagantaan keessan baayyee bareedaadha waa hedduu irraa baraa jirra garuu yeroo nutti xiqqeessitan malee galatoomaa JZK jazaan keessan jannata.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button