header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Paarlaamaan Briteen Sanadii walii galtee haala biyyattiin Gamtaa Awrooppaa keessaa baatuun ibsu (Brexit deal) ammas kuffise

 

Rifarandamii June 23, 2016 geggeeffameen, umaatni Briteen Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuuf sagalee caalmaa taheen eega murteessee booda, mootummaan biyyattii waggoota lamaan dabran keessa hariiroo daldalaa, hawaasummaa, nageenyaa fi diinagdee Briteen fuulduraaf Gamtaa Awrooppaa waliin qabaattu irratti, sanadii seeraa yeroo heddu kan qopheesse tahus fudhatama dhabuun ni beekama.

 

Haaluma wal fakkaatuun muummichi ministeera Briteen Boris Johnson Khamiisa dabre bulchiinsi isaa Gamtaa Awrooppaa waliin walii galtee haaraya fi faayidaa qabeessa tahe irra gahuu ibsuun, Paarlaamaan Briteen walii galtee kana fudhatee mirkaneessuun dhimmichi akka goolabmu gaafate.

Haaluma kanaan Paarlaamaan biyyattii walii galtee haarayatti dhihaate irratti sabtii kaleessaa sagalee kan kenne yoo tahu, ammas walii galtichi faayidaa Briteen kan miidhu jechuun sagalee caalmaa taheen kuffisee jira.

 

 

Gamtaan Awrooppaa gama isaatiin Briteen hamma October 30,  2019tti mirgaa fi faayidaa isii kabajsiifattee guututti gamticha keessaa  akka baatu yeroo kan kaahe yoo tahu, paarlaamaan Briteen dhimma Gamtaa Awrooppaa keessaa bahuu irratti ammas walii galtee dhabuun,  biyyattiin danqaa siyaasaa fi kufaatii diinagdee keessa seenuu malti sodaan jedhu kan hammaataa dhufe tahuu gabaafame.

 

Kanuma hordofuun muummichi ministeera Briteen Boris Johnson guyyaan xumuraa  gamtichi kaahe akka dheeratuuf,  xalayaa Gamtaa Awrooppaatii barreessen  kan gaafate tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

 

Gama birootiin ammoo miseensonni paarlaamaa biyyattii heddu ummanni Briteen yaada gamtaa Awrooppaa keessaa bahuu kana irra deebiin sagalee irratti haa kennu jedhaa jiran. Haaluma kanaan ummata yaada kana deeggaru qindeessuun kaleessa hiriirri guddaan magaalaa London keessatti geggeeffamee jira.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button