header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paarlaamaan Itoophiyaa muudama Muummichaa ministeeraa haarayaa Dr Abiy Ahmad Ali raggaasise

Bitoteessa 10/2010 dhaabni biyyattii bulchu gaaffii taayitaa gadlakkisuu muummicha ministeera duraanii qebaluun, hogganaa addichaa godhuun Dr Abiy Ahmad muude.

Guyyaa hardhaa immoo Parlaamaan biyyattii Dr Abiy Ahmad muummicha ministeeraa tahuu isaa mirkanneesse. Dr Abiyis Muummicha ministeera duraanii Hayila Maariyam Dassaaleny irraa aangoo fudhate.

Dr Abiy Ahmad haasaya godheen tokkummaan biyyooleessa kan akkaan barbaachisu tahuu dubbate.

Rakkoolee akka biyyaatti mul’atan irratti kan hojjatu tahuu fi biyyoota oollaa kan akka Eertiraa waliin nagaya buusuuf waamicha godhe.

Muummichi Ministeera haarayni hardha irraa masaraa mootummaa seenuun hojii kan jalqabe tahuus ibsameera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button