header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Paarlaamaan Yaman waggaa afur booda yeroo jalqabaatiif biyyattii keessatti wal gahii geggeessuu gabaafame

Miseensonni Paarlaamaa Yaman eega March/2015 lolli biyyattii jalqabamee asitti, yeroo jalqabaatiif  Sabtii har’aa magaalaa baha biyyattiitti argamtu tan Seyon jedhamtu keessatti wal gahii geggeessuu gabaafame. Haaluma wal fakkaatuun Prezdaant Abdu Rabuu Mansuur  Hadii waggaa afur booda har’a Riyaad irraa gara Yaman imaluun, wal gahii kana irratti kan hirmaate tahuun beekamee jira. Dabalataanis bakka buutonni biyyoota Arabaa fi kanneen birootis wal gahii kana irratti argamanii jiru.

Miseensonni Paarlaamaa Yaman wal gahicha irratti hirmaatan, hogganaa paarti General People’s Congress jedhamuu kan tahe Sulxaan Al-Burqani afa yaa’ii paarlaamaa godhuun kan filatan tahuu odeeyfannoon Anaadooluu Niiwuus irraa argame ni addeessa.

Mootummaan prezdaant Abdu Rabuu Hadiitiin hogganamu bara 2015 keessa finciltoota Huusiitiin magaala San’aa keessaa eega ari’amee booda,  magaalaa Kibba biyyattii Adan keessa kan maandheffate yoo tahu,  Prezdaantichaa fi kaabineen isaa soda nageenyaatiif jecha gara Sa’uudiitti kan baqatanii turan tahuun ni beekama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button