header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Paartiileen mormituu Suudaan lammiileen biyyattii mormii prezdaant Umar Al-Bashiir irratti jalqaban akka itti fufan waamicha godhan

Gamtaan paartiilee mormituu afur ofkeessatti hammate ibsa Khamiisa hardhaa baaseen, lammiileen Suudaan Jum’aa boruu guutuu biyyattii keessatti mormii akka geggeessanii fi Alhada dhuftu ammoo magaalaa Khaartuum masaraa mootummaa duratti mormiin ummataa akka geggeeffamuuf waamicha dabarsan. Dabalataanis magaalaa Omdurumaan keessatti paarlaamaa biyyattii duratti mormiin kan geggeefamu akka tahee fi prezdaant Umar Al-Bashiir taayitaa akka lakkisu mallattoo ummataa walitti qabuun paarlaamatti kennuudhaaf kan karoorfatan tahuu beeksisan.

 

Prezdaant Umar Al-Bashiir mormii ummataa kana qabbaneessuudhaaf yaaliiwwan gara garaa kan godhaa jiru yoo tahu, Prezdaantichi ibsa guyyaa hardhaa kenneen mootummaan diinagdee foyyeessuu fi jireenya lammiilee biyyattii wayyeessuudhaaf tarkaanfii jijjiiramaa kan fudhataa jiru tahuu beeksise. Haaluma kanaan qaalayiinsa jireenyaa salphisuudhaaf mootummaan tarkaanfiilee fudhachuuf karoorfate jidduu, mindaa hojjattoota mootummaa fooyyeessuun kan keessatti argamu tahuu ibse.

 

Mormiin torbaan lama dura jalqabame kun guyyaa hardhaatis naannoolee biyyattii heddu keessatti kan itti fufe yoo tahu, magaalaa Port Sudan keessatti mormii geggeeffame hordofuun humnootni tika biyyattii mormitoota irratti aara ija nama gubu kan dhukaasan tahuu gabaafame. Mormii ummataa kana too’achhudhaaf mootummaan Suudaan naannolee biyyattii heddu keessatti labsii yeroo muddamaa kan baase yoo tahu, haaluma kanaan manneen barnootaa fi Yunivaristiileen heddu kan cufaman tahuu gabaasni arganne ni addeessa.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button