header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paartiileen Siyaasa Oromoo adeemsa ce’umsa biyyattii galmaan gahuu irratti wal tumsaadhaaf sanadii walii galtee mallatteessan

Paartileen Siyaasa Oromoo ibsa ejjannoo sirna mallattoo irratti baasaniin akka jedhanitti, ji’oota shanan dabran marii bal’aa kan geggessaa turan tahuu ibsuun, guyyaa hardhaa dhimmoota gurguddoo irratti waliin hojjachuuf sanadii walii galtee  kan mallatteessan tahuu ibsan.
Paartileen kunniin ibsa isaanii kanaan, dhimma ummtaa irratti tumsaa Olaanaadhaan waliin hojjachuu qofa osoo hin taane, mariin kun akka itti fufu koree “Gaaddisa Hoggansa Oromoo” kan jaarmiyaalee siyaasa hunda qixa keessummeessuu fi mariisisu kan hundeessan tahuu beeksisan.

 

Sirna Mallattoo galgala kana Hoteela Sky Light jedhamutti geggeeffame kana irratti, Muummicha ministeeraa Dr Abiy Ahmad, Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa Obbo Lammaa Magarsaa, Obbo Jawaar Muhammad dabalatee hoggantoonni paartilee siyaasaa Oromoo fi namoonni beekamoon argamanii jiru.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button