header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paartiin KFO Magaaloota adda addaa keessatti waajjira banaa jiraatuun beekame

Paartiin Kongrasii Federaalistii Oromoo (KFO) Magaaloota Godinaalee Oromiyaa keessatti waajjira banaa jira.

 

Paartichi guyyaa har’aa godina Wallaggaa bahaa Aanaa Arjoo magaalaa Arjoo fi magaalaa Gudar keessatti waajjira kan bane yoo tahu, Baniinsa waajjira KFO magaalaa Gudar irratti hoggantoonni ol-aanoon paartichaa argamuun, deeggartoota isaanii fi ummata saganticha irratti argameef dhaamsa dabarsaniiru.

 

 

Odeeyfannoo walfakkaatun guyyaa kaleessaatis magaalaa Walisootti Waajirri KFO banamee jira, sagantaa guyyaa kaleessaa irratti Dr Mararaa Guddinaa dhamsa ummataaf dabarseen;

 

“Qabsoo Ummanni keenya godheen Sadarkaa ammaa kana irra geenyee jirra, amma qabsoon karaa qabatee jira. qabsoo karaa qabate kana ammoo tokkummaan harka walqabannee itti fufsiisuu qabna” jedhe.

KFO Arjoo

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button