header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Paartiin mormituu Aljeeriyaa guddichi filannoo prezdaantummaa biyyattii keessaa kan bahuu malu tahuu akeekkachisse

Paartiin mormituu biyyattii guddichi kan Society for peace jedhamu , Prezdaantiin biyyattii Abdul’aziiz Butofliqaa wal dorgommii prezdaantummaa keessaa yoo kan hin baane tahe, paartichi kaadhimamaa isaa filannoo keessaa kan baasu tahuu akeekkachiise. Manni marii paartichaa ibsa baaseen, “ummanni Aljeeriyaa prezdaantichi kanaan booda biyya bulchuu hin dandayu jechuun ifatti mormaa jira, qondaaltonni mootummaatis sagalee ummataa dhageeffatuun prezdaanticha filannoo keessaa baasuu qaban”jedhe.

 

Filannoon prezdaantummaa Aljeeriyaa April 18/2019 kan geggeeffamu yoo tahu, prezdaantiin biyyattii Abdul’aziiz Butofliqaa filannoo kana irratti marsaa shanaffaaf kan dorgomu tahuu ibse. Manguddoon waggaa 81 Abdul’aziiz Butofliqaa bara 1999 irraa eegalee waggaa 20 Aljeeriyaa kan hooggane yoo tahu, bara 2013 dhibee isa muudateen teessoo irraa ka’ee socho’uu hin dandayu.

 

Haaluma kanaan lammiileen biyyattii heddu prezdaantichi filannoo ammaa kana irratti akka hin hirmaanee gaafachuun torbaan lamaan dabraniif mormii geegeessaa jiran. Haata’u malee Prezdaantichi ammas yeroo shanaffaaf biyyattii hogganuu kan barbaadu tahuu ibsuun hanga ammaatti murtii isaa irratti cichee jira.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button