header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

“Prezdaantiin Faransaayi duula jibbaa Islaamummaa babaldhisaa jira” jechuun Turkiyaan balaaleeffatte

Prezdaantiin Faransaayi Imaanu’eel Maakroon haasawa jibbaa Islaamummaa Jimaata dabre taasise. Haasawni jibbaa kun dubbii ijoo Miidiyaalee ta’ee jira.


Maakroon Jimaata dabre “yeroo ammaa tana Islaamummaan gaaga’ama keessa jira. Kana ammoo biyya teenya keessatti arguu hin barbaannu” jechuun waan Muslimoota dallaansiisu dubbate.

Itti dabaluunis “Mallattoowwan duudhaalee Islaamummaa ibsan manneen barnootaa fi iddoowwan tajaajila hawaasummaatti akka hin fayyadamne seera ugguru hojii irra olchuuf hojjatamaa jiraas” jedhe.


Haasawa Maakroon kana hordofuun, kun jibba Islaamummaa biyyattii keessa facaasuu fi Muslimoota irratti dhiibbaa fiduudha komiin jettu hoggantoota Amantaa, hoggantoota biyyoota Islaamaa fi qamoolee gara garaa irraa kaahee jira.

Barreessaan Gamtaa Ulamaa Addunyaa Dr Ali al Qaradaghi haasawa Maakroonif
“Isintu gaaga’ama namoomaa, amala gaarii fi gaaga’ama siyaasaa keessa jira malee Islaamummaa miti. Islaamummaan badii mootota Kaartoona isin akka barbaaddanitti toolfattaniif itti hin gaafatamu” jechuun deebisaa kanne.

Mootummaan Turkiyaa immoo ibsa baaseen “haasawni Perizdaantii Faransaayi jibba Islaamummaa jabeessa” jechuun balaaleeffate.
Dubbii himaan Perizdaantii Turkiyaa Ibraahim Kaliin “haasawni Perizdaant Maakroon sun, Hammaa fara Islamummaa fi jibbaa Islamummaaf kakaasu. Akkasumas Kufaatii Imaammata Faransaayiif Islaamummaa fi Muslimoota akka sababaatti dhiheessuun olola dhugaa irraa fagaate” jechuun qeeqe.

7 Comments

  1. Asalamoleykum worahmatulahi wobrakatu aduuhi islaama rabbin nurrati hin dhiisin hadhiiftu yoodide rabbin nurra haciibsu isinimo jazaakumullaha kayirran

  2. aslamleykum woramatullahi wobarakatu mashaalla hojatota nurlhuda rabbi adunyafi akeralle isin ha milkkessu mirakaya

  3. assalamualeyikum warahamatulallah wabarakatuu jzkumulaahi keeyiran
    adduwwii islama rabbiin haa baalleesuu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button