header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Poolisiin Federaalaa daandiiwwan guutuu Oromiyaa keessatti cufaman bansiisuuf tarkaanfii ni fudhanna jechuun akeekkachiise

Hiriira magaalota naannoo Oromiyaa heddutti gaggeeffamaa jiru ilaalchisee Poolisiin Federaalaa ibsa kan baase yoo tahu, , Hogganaan Poolisii Federaalaa Komishiinar Indashaw Xaasaw daandiiwwan cufaman banamuu qaban eega jedhee booda, qaamonni naannoo yoo dadhaban humni mootummaa tarkaanfii kan fudhatu tahuu akeekkachiise.

 

Komishiinar Indashawu Xaasaw ibsa kenneen, “Poolisiidhan tarkaanfiin narratti fudhatamuuf ture jechuun aktiivistii fi xiinxalaan siyaasaa Obbo Jawaar Muhaammad yaadni miidiyaan dabarsae sirrii miti, tarkaanfiin fudhatame hin jiru”jedhe.  Komishiinarichi itti dabaluudhaanis, humni nageenyaa eegumsaaf ramadne sa’aa barbaadametti kaasuu ni dandeenya; kun fuldurattis taanan itti fufa jechuun ibse.

 

Gama birootiin ammoo mormiin ummataa magaalota Oromiyaa heddu keessatti cimee kan itti fufe tahuun beekamee jira.

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button