header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Poolisiin Federaalaa Nannoo Somaalee keessatti jeequmsa ji’a dabre ka’een lakkofsi namoota guyyaa tokkotti ajjeefamanii 96 tahuu beeksise

Hogganaan Poolisii Federaalaa Komishinar Zeeynuu Jamaal ibsa guyyaa hardhaa kenneen, Jeequmsa ji’a darbe Adoleessa 27/2010 magaalota gurguddoo Naannoo Somaalee keessatti ka’een, lakkoofsi dhalattoota naannoolee biroo guyyaa tokkotti  ajjeefamanii 96 tahu hime. Magaalota lubbuun nama keessatti galaafatame jidduu Jigjigaa, Waardeer, Qabri Dahar fi Godeen keessatti argamu.

 

Komishinar Zeeynuu Jamaal akka jedhetti, badii fi ajjeechaan Naannicha keessatti raawwatamee amantii, gosaa fi naanoo irraa dhufan adda baasuun qindoominaan geggeefame. “Haalli namootni kunniin itti ajjeefaman sukkanneessaa fi haala dhalli namaa tokko kan biroo irratti raawwatuu miti”jedhe. Komishiinarichi, ajjeechaa fi badii kana hooggansi naannichaa duraanii itti yaaduun dargaggoota “heegoo”jedhaman qindeessee leenjisuudhaan kan raawwachiise tahuu ibse.

 

Poolisiin Federaalaa guyyaa kaleessaa prezdantii naannichaa duraanii Abdii Illee to’aannaa  jala kan oolche yoo tahu, dabalataanis guyyaa har’aa hoggantoonni naannicha 6 kanneen mirgi himatamuu dhabuu irraa mulqame too’annaa jala Kan oolan tahuu beeksise.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button