header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Poolisiin Federaalaa Walitti bu’iinsa magaalaa Finfinnee keessatti uumame dhaabsisuuf tarkaanfii kan fudhatu tahuu beeksise

Simannaa ABOtiif qophiiwwan magaalaa Finfinnee keessatti geggeeffamaa jiran hordofuun, dargaggoonni magaalattii haleellaan ijoollee Oromoo irratti raawwatan guyyaa har’aatis itti fufee jira. Naannolee magaalaa Finfinnee kan akka Shiroo Meedaa, Markaatoo, Addis Katamaa fi Piyyaassaa keessatti Jiraattonni magaalattii dargaggoota Oromoo irratti haleellaa raawwatanii jiru. Naannoo Piyaassatti ammoo Baankii Oromiyaa Internaashinaal damee Birbirsaa rukutamee jira.

 

Walitti bu’iinsa kana ilaalchisee poolisiin Federaalaa ibsa baaseen, mallattoo fi asxaa kamiyyuu abbaan fedhe qabatee bahuun mirga tahuu ibsuun, dargaggoonni magaalaa Finfinnee keessatti Alaabaa ABO buqqisuuf socho’aa jiran gocha kana irraa akka of qusatan akeekkachiise. Poolisiin Federaalaa walitti bu’iinsa magaalattii keessatti babal’ataa dhufe kana dhaabsisuuf socha’aa kan jiru tahuus ibsameera. Simannaa ABOtiif dargaggoonni heddu gara magaalaa Finfinnee seenaa jiru.

simannaa Abo

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button