header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Poolisiin Prezdaantiin naannoo Somaalee duraanii Abdii Muhaammad mana hidhaatii miliquuf yaalee akka ture beeksise

Poolisiin Mana Murtii Olaanaa Federaalaa dhaddacha beellamaa guyyaa har’aa oole irratti, Obbo Abdiin rakkoo fayyaa fi nageenya isaatiif jecha Biiroo poolisii keessatti hidhamee akka turee fi haata’u malee fooddaa mana hidhaa cabsee bahuuf kan yaale tahuu ibse. Poolisiin akke jedhetti Obbo Abdiin fooddaan eega bahee booda, Poolisii eegumsa irra ture tokko hudhee miliquuf yaalee ture.

 

Obbo Abdiin himannaa poolisii kana dubbii maqa balleessiiti jedhe. Abdii Muhammad akka jedhetti, nama sammuun dhukkubsataa waliin akka hidhamee fi namtichis guyyaa lama balbala cabsee isa miidhuuf akka ture mana murtichaatiif ibse. Manni murtichaa dhimma obbo Abdii Muhammad ilaaluuf Onkololeessa 19,2011tti beellama qabateera.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button