header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Poolisoonni Israa’el hulaa Masjiid Al AQSAA cufan.

Waraanni Israa’el galgala har’aa yaaliin ajjeechaa nurratti raawwatame jechuun, hulaalee Masjiid Al Aqsaa hunda kan cufan yoo tahu, Falasxiinonni lakkofsaan hedduu tahan salaata Magriibaafi Ishaahii guyyaa har’aa dallaya Masjiidichaa keessatti kan salaatan tahuun beekameera.

Hogganaan Masjiidal AQSAA Sheikh Umar Kiswanii;
“Gochi akkanaa kun waan haarayaa miti. Waraanni Israa’el yeroo hundaa sababaa adda addaa dhiheeysaa hula masjiidaa nutti cufuun waan barame. Tarkaanfiin akkanaa kun ammoo akkaan hamaadha. Biyyoonni Arabaafi Mootummoonni biyyoota Muslimaa dhimma Masjiidal Aqsaa akka salphatti laalanis, nuti waan nurraa eeggamu godhuurraa booddetti hin deebinu”jechuun Anaadooluu Niiwusiif hime.

Mootummaan Israa’el guyyoota 30’n dabran keessatti qofa, hulaa Masjiidal Aqsaa yeroo 2 kan cufe tahuunis gabaafameera.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button