Categories: Eeshiyaa Odeeyfannoo

Prezdaant Donald Tramp Waraana Ameerikaa Afgaanistaan keessa jiru daaw’ate

Advertisements

Prezdaant Tramp aangoo eega qabatee asitti kaleessaa yeroo jalqabatiif gara Afgaanistaan kan imale yoo tahu, loltoota Ameerikaa buufata waraana Bagram jedhamu keessa qubatan daaw’atee jira. Tramp daaw’annaa isaa kana ilaalchisee haaya godhe keessatti, Ameerikaa fi Xaalibaan marii nageenyaa addaan kutanii turan jalqabuu isaanii beeksise.

Donald Tramp marii nageenyaa kanaan “Gareen Xaalibaan walii galtee nageenyaa mallatteessuuf fedhii qabaatus, yaada dursanii dhukaasa dhaabuu didaa ture; nuti ammoo walii galtee nageenyaa mallatteessuun duratti dhukaasni dhaabbatuu qaba jechaa turre; haaluma kanaan marii amma jalqabneen Xaalibaan yaada kana yoo fudhate walii galtee xumuraa irra ni geenna jedheen yaadaa” jechuun ibse.

Ameerikaa fi Xaalibaan marii nageenyaa kanaan dura ji’oot 11 guutuu Qaxar keessatti geggeessaa turaniin, maricha milkiin goolabuuf wixinee walii galtee qopheessanii turan. Haata’u malee haleellaa September dabre gareen Xaalibaan loltoota Ameerikaa irratti raawwate hordofuun, Prezdaant Tramp Ameerikan marii nageenyaa xumuramuuf dhihaate sana addaan kutu beeksisuun isaa ni yaadatama.

Donald Tramp imala dhoksaan halkan kaleessaa gara Afgaanistaan godhe kanaan, Prezdaantii biyyattii Ashiraf Ghaanii waliin kan mari’ate tahuunis beekamee jira. Haata’u malee ajandaan mrii hoggantoota lamaanii maal akka ture hin ibsamne.

Tramp turtii Sa’aa lamaa fi walakkaa booda qofa Afgaanistaan keessaa bahuun gara Ameerikaatti kan qajeele tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Jilli Mootummaa Saa’uudii itti aanaa ministeera haajaa alaatiin durfamu Ityoophiyaa daaw’ataa jira

Jilli qondaaltota mootummaa Sa’uudii fi bakka bu’oota hawaasa daldala biyyattii miseensa 50 qabu kun, itti aanaa ministeera haajaa alaa Sa’uudii…

2 hours ago
  • Og-Barruu
  • Seenaa

Luqmaan Al Hakiim, Akkamitti Hakiima Ta’e?

Akkamitti Hakiima taate(hayyummaa arkatte)? Ja'ani Luqmaan al Hakiim gaafatan. "Dhugaan dubbadha! Amaanaan eega! Maalaaya'nii(waan bu'aa hin qabne) irraahin fagaadha." Ja'e.…

24 hours ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Balaa Konkolaataa Godina Iluu Abbaa Boor keessatti muudateen lubbuun nama 11 dabru gabaafame

Balaan kun kaleessa galgala Godina Iluu Abbaa Boor aanaa Algee Saachii keessatti kan muudate yoo tahu, konkolaataan Isuzu ummata fe’atee…

1 day ago
  • Awrooppaa
  • Odeeyfannoo

Komishiiniin Gamtaa Awrooppaa deeggarsa Yuuroo miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 70 Ityoophiyaa kennuuf walii galteen mallatteeffame

Prezdaantiin Komishiinii Gamtaa Awrooppaa Ursula Von der Leyen fi Daayirektarri tumsa idil addunyaa gamtichaa Ms. Jutta Urpilainen daaw’annaa hojiitiif har’a…

2 days ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Bulchaan Godina Naayiroobii Maayik Soonkoo malaamaltummaan shakkaamee hidhame

Daayirektarri Abbaa Alangaa Keeniyaa Nuuraddiin Hajjii Jum’aa har’aa ibsa kenneen, Bulchaa Godina Naayiroobii dabalatee qondaaltonni mootummaa 15 to’annaa jala akka…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Paartileen Morkattootaa 10 waliin hojjachuuf Walii galtee mallatteessan

ABO dabalatee paartileen morkattootaa 10 guyyaa har’aa hoteela Ililliitti waliin hojjachuuf, walii galtee mallatteessuu gabaafame. Paartileen waliigaltee mallatteessan kunniin 1.…

3 days ago