header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooUSA

Prezdaant Tramp qondaala ol’aanaa dhimma nageenya Ameerikaa John Bolton aangoo irraa ari’e

Prezdaant Donald Tramp Waayithawusitti itti gaafatamaa dhimma nageenyaa kan ta’e, John Bolton aangoo irraa ari’uu ibsa har’a Twitter isaa irratti barreesseen beeksise.

Donald Tramp fuula Twitter isaa irratti ” John Bolton kana booda Waayithawus keessa tajaajiluu akka hin dandeenye halkan edaa himeefii ture, innis har’a ganama hujii gad lakkisuuf xalayaa dhiheeffatee jira. Haaluma kanaan torbaan muuraasa keessatti nama itti gaafatamaa dhimma nageenya Ameerikaa tahu ni muuda”jedhe.

 

John Bolton nama jibbiinsa Islaamaa qabu, akkasumas ol’aantummaa ummata adii leellisuun beekamu yoo tahu, Iiraan irra uggura kaahuu dabalatee tarsiimoowwan dhimmoota nageenyaa falmisiisoo tahan prezdaantichaa qopheessuu keessatti nama shoora guddaa bahaa ture.

Bolton

 

 

 

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button