Categories: Odeeyfannoo USA

Prezdaant Tramp qondaala ol’aanaa dhimma nageenya Ameerikaa John Bolton aangoo irraa ari’e

Prezdaant Donald Tramp Waayithawusitti itti gaafatamaa dhimma nageenyaa kan ta’e, John Bolton aangoo irraa ari’uu ibsa har’a Twitter isaa irratti barreesseen beeksise.

Donald Tramp fuula Twitter isaa irratti “ John Bolton kana booda Waayithawus keessa tajaajiluu akka hin dandeenye halkan edaa himeefii ture, innis har’a ganama hujii gad lakkisuuf xalayaa dhiheeffatee jira. Haaluma kanaan torbaan muuraasa keessatti nama itti gaafatamaa dhimma nageenya Ameerikaa tahu ni muuda” jedhe.

John Bolton nama jibbiinsa Islaamaa qabu, akkasumas ol’aantummaa ummata adii leellisuun beekamu yoo tahu, Iiraan irra uggura kaahuu dabalatee tarsiimoowwan dhimmoota nageenyaa falmisiisoo tahan prezdaantichaa qopheessuu keessatti nama shoora guddaa bahaa ture.

Leave a Comment

Recent Posts

  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Gareen Abukaatoo Obbo Jawaar Muhaammad, Jawaariin akka hin dubbisne dhoorkamuu beeksise

Gareen abukaatoo namoota jaha qabu Jawaar Muhaammad dubbisuuf har'atti beellamni qabamuufii kan ture tahus, haaluma…

6 hours ago
  • Koroonaa
  • Latin America
  • Odeeyfannoo

Prezdaantiin Braaziil Dhukkuba Vaayirasii Koroonaatiin qabamuu gabaafame

Prezdaantiin Braaziil Jair Bolsonaro weerarri vaayirasichaa addunyaa keessa tatamsa’uu akkuma jalqabeen, dhibeen Covid-19 jedhamu hin…

7 hours ago
  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo

Weerarri Vaayirasii Koroonaa biyyoota heddu keessatti deebi’ee hammaatuu gabaafame

Daayrektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teedroos Adihanom ibsa kenneen, weerarri Vaayirasii koroonaa haala amma duraa…

1 day ago
  • Afrikaa
  • Odeeyfannoo

Prezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afaworqii gara Masri imaluu gabaafame

Jilli mootummaa Eertiraa prezdaant Isaayyaas Afaworqiin durfamu daaw’annaa hojii guyyaa sadihiitiif har’a ganama gara Kaayiroo…

2 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Poolisiin Oromiyaa lakkoofsi namoota ajjeefamanii 166 ol tahuu beeksise

Ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti raawwatame hordofuun mormii magaaloota godinaalee Oromiyaatti ka’en, yoo diqqaate namoonni…

3 days ago
  • Odeeyfannoo
  • Odeeyfannoo Biyyaa

Jaarmiyaaleen Muslimoota Itoophiyaa 3, ajjeechaa Artist Haacaaluu balaaleeffatan

Jaarmiyaaleen hawaasa Muslima Itiyoophiyaa biyya alaatti argaman 3, ajjeechaa Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti Kibxata dabre…

3 days ago