header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AwrooppaaOdeeyfannoo

Prezdaantii Dhaabbata Poolisii Addunyaa (Interpol) achi buuteen isaa dhabame

Prezdaantiin Dhaabbata Poolisii addunyaa (Interpol) Mr Hongwei Meng dhuma Ji’a September/2018 Fransaay irraa gara Chaayinaa kan imalee ture yoo tahu, eega Chaayinaa seeneen booda achi buuteen isaa kan dhabame tahuu Europe 1 Radio wabeefachuun Anadooluu Niiwus gabaase. Dhabamuu Prezdaantichaa maatiin eega gabaasee booda qondaaltonni Faransaay qorannoo kan jalqaban tahuun beekameera.

 

Akka gabaasa kanaatti maatiin Mr Meng Faransaay magaalaa Liyoon keessa kan jiraatan yoo tahu, haati manaa Mr Meng abbaan warraa isii eega gara Chaayinaa imaleen booda, maatii kan hin qunnamin tahuu ibsuun, eessaa fi haala inni keessa  jiru kan hin beekne tahuu qondaaltota qorannoo Faransaayitti himte.

 

Mr Hongwei Meng lammii Chaayinaa yoo tahu, bara 2016 Prezdaantii Poolisii addunyaa (Interpol) tahuun filatame. Dhaabbatni Poolisii addunyaa Interpol jedhamuun beekkamu dhaabbata yakka idli addunyaa qoratu yoo tahu, waajjirri muummee dhaabbatichaa Faransaay magaalaa Liyoon keessatti argama.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button