header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezdaantii Suudaan kan duraanii Umar Al-Bashiir irratti hidhaan waggaa lamaa murtaahe

Prezdaant Umar Hasan Al-Bashiir April dabre aangoo irraa eega fonqolchamee booda, malaamaltummaa fi seeraan ala maallaqa biyyoota biroo dhuunfachuun himatame hidhaa irra turuun isaa ni beekama. Haaluma kanaan maani murtii magaalaa Khaartuum dhimmicha ilaalaa ture Sabtii har’aa hidhaa waggaa lamaa kan irratti murteesse tahuu gabafame.

Abukaattonni Prezdaant Al-Bashiir murticha dhiibbaa siyaasaatiin kan kenname jechuun ibsan. Kanuma hordofuun deeggartoonni prezdaantichaa magaalaa Khaartuum keessatti daanditti bahuun dallansuu isaanii kan ibsataa jiran tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Gamtaan ogeeyyota Suudaan “Professional Association”jedhamu gama isaatiin, adabbiin prezdaant Al-Bashiir irratti murtaahe sirrii tahuu ibsuun, kana boodas himannaawwan birootinis adabbiin dabalataa prezdaanticha kan eeggatu tahuu ibse.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button