header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaLatin AmericaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Braaziil Dhukkuba Vaayirasii Koroonaatiin qabamuu gabaafame

Prezdaantiin Braaziil Jair Bolsonaro weerarri vaayirasichaa addunyaa keessa tatamsa’uu akkuma jalqabeen, dhibeen Covid-19 jedhamu hin jiru jechuun haalaa ture. Prezdaantichi inumaayyuu lammiileen biyyattii akka harka walfuudhanii fi hojii isaaniitis akka hin dhaabne gorsuu bira dabruun, hoggantoota kutaalee biyyattii weerara vaayirasichaa to’achuuf sochii ummataa ugguran qeeqaa ture.

Haata’u malee ji’oota lamaan dabran keessa vaayirasichi biyyattii keessatti hammaataa kan dhufe yoo tahu, hanga guyyaa hardhaatti Braaziil keessatti namoonni 1,643,539 vaayirasichaan akka qabamanii fi namoonni 66,093 ammoo sababa vaayirasii kanaatiin du’uu gabaafame. Haaluma kanaan biyyattiin U.S.A.tti aanuun biyyoota weerara Covid-19 akka malee hubaman jidduu sadarkaa lammaffaa irra jirti.

Torbee tokko dura manni murtii biyyattii Prezdaantichi mana jireenyaatiin alatti yemmuu bahu haguuggaa fuulaa akka uffatu ajaja dabarse. Alhada dabre irraa jalqabee ammoo prezdaant Bolsonaron mallattoolee Covid-19 mul’isuu akka jalqabeefi Wixata kaleessaa ammoo dhukkubbiin akka itti hammaate gabaafame. Kanuma hordofuun qorannoon godhameefii vaayirasichaan qabamuu akka mirkanaahes odeeyfannoon BBC ni addeessa.

One Comment

  1. samufi dhufani hin jetani ree hasabiallha waa namali wakkiilli
    ishallha rabbi issani haa basuu 😭😭😭😭

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button