Categories: Afrikaa Odeeyfannoo

Prezdaantiin Eertiraa Isaayyaas Afaworqii gara Masri imaluu gabaafame

Jilli mootummaa Eertiraa prezdaant Isaayyaas Afaworqiin durfamu daaw’annaa hojii guyyaa sadihiitiif har’a ganama gara Kaayiroo imaluu gabaafame. Ministeerri Odeeyfannoo biyyattii Yamane Gebremasqal fuula Twitter isaa irratti akka ibsetti, ministeerri haajaa alaa Usmaan Saalah fi gorsaan prezdaantichaa Yamane Gabr’ab jila kana wajjiin kan imalan tahuu hime.

Prezdaant Isaayyaas haaluma walfakkaatuun torbee tokko dura gara Suudaan imaluun hoggantoota biyyattii waliin kan mari’ate tahuu odeeyfannoon ni addeessa. Haata’u malee ajandaan mootummaa Eertiraa gara Suudaan fi Masritti deddeebisaa jiru maal akka tahe hin ibsamne.

Odeeyfannoo birootiin ammoo Masri ji’a dabre keessaa Xiyyaara meeshaalee waraanaa fe’ate gar Somaaliyaa ergitee akka turte gaazexaan The Sunday Telegraph gabaase. Akka gabaasa kanaatti Xiyyaara meeshaalee waraanaa Kalashnikovs 2000, Rokeet lawuncharii, qawwee Isnaayparii, Shuguxii fi mortaarii fe’ate kana mootummaan Somaaliyaa akka biyya isaa hin qubanne dhoorkuu ibsame. Qondaalli mootummaa Somaaliyaa tokko gaazexaa kanaaf akka ibsetti, “Maqdishoon waldhabbii Ityoophiyaa fi Masri jiddutti hammaataa dhufe keessa galuuf fedhii hin qabdu” jedhe.

Gama biraatiin ammoo Ityoophiyaa, Masri fi Suudaan dhimma hidha laga Abbaay irratti marii kan itti fufan tahus, hanga ammaatti walii galtee irra kan hin gahin tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Leave a Comment

Recent Posts

  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo

WHO’n Weerara Covid-19 yeroo dhihotti too’achuun kan hin danda’amne tahuu beeksise

Daayirektarri WHO Dr.Tedroos Adhanom ibsa wixata hardhaa kenneen, Weerarri Covid-19 biyyoota kanaan dura to’achuu labsan…

7 hours ago
  • Kaanaadaa
  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo
  • Saayinsiif Teknoolojii

Kanadaan Appilikeeshina Telefoona nama dhibee COVID-19’n faalame adda baasu hojjatte

Muummichi ministeera Kanadaa Justin Trudeau "Appilikeeshiniin bilbila ammayyaa ‘COVID Allert' jedhamu kun kalaqa haarawa dhibee…

1 day ago
  • Eeshiyaa
  • Odeeyfannoo

Emreets Wiirtuu Gabbisa Niwkilarii biyyoota Arabaatiif kan jalqabaa tahe ifatti hojii jalqabsiiste

Emreets Wiirtuu Gabbisa Niwkilarii “Barakaa” jechuun moggaafate kana, daangaa biyyattii gama Qaxar aanu irratti kan…

2 days ago
  • Afrikaa
  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo

Lakkoofsi Lammiilee Afrikaa Kibbaa Covid-19 qabamanii 500,000 dabruu gabaafame

Ministeerri Fayyaa Afrikaa Kibbaa ibsa baaseen, Sabtii kaleessaa qofa biyyattii keessatti vaayirasichi namoota 10,107 irratti…

2 days ago
  • Koroonaa
  • Odeeyfannoo

COVID_19 fi Sirna Hajjii bara 2020

Imalli Hajjii utubaa Islaamaa shanan jidduu tokko yoo ta’u, nama muslimaa humna ( qabeenya raawwachuuf…

3 days ago
  • Eeshiyaa
  • Odeeyfannoo

Lammiileen Sa’uudii 10,000 sirna Hajjii bara 1441 geggeessaa jiran

Muslimoonni miiliyoonataan lakkaahaman waggaa waggaan guutuu addunyaa irraa gara Magaalaa Kabjamtuu Makkaa imaluun, sirna Hajjii…

6 days ago