header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Iiraan hanga Ameerikaan qoqqobbii biyya isaa irra keette kaastutti Traamp waliin kan hin mari’anne tahuu ibse

Prezdaantiin Iraan Hasan Rohaanii Prezdaant Traamp yoo marii nu waliin jalqabuu barbaade,  uggura Iiraan irra kaa’e hunda kaasuuf tarkaanfii jalqabaa fudhachuu qaba jedhe. Prezdantichi itti dabaluudhaanis, “Iiraan meeshaa waraanaa niwklarii oomishuuf fedhii hin qabdu, kanaafuu uggurri biyya keenna irra kaa’ame seeraan alaa fi kan haqaatii miti”jedhe.

Donald Tramp wixata dabre ibsa kenneen, “torbeewwan dhufan keessa Rohaanii waliin wal arginee sagantaan niwklerii Iraan hamma murta’ee ol akka hin dabrine gochuuf,  walii galtee haaraya irratti mari’achuuf carraa gaariitu jira”jedhe ture.

Tramp kora garee biyyoota dinagdeen duroomanii  G-7 jedhamu kan  torbe dabre Faransaay keessatti geggeefame irratti, Iiraan dhimma sagantaa Niwkilarii  isii irratti marii jalqabuu barbaaddi jedhe. Traamp ibsa isaa kanaan, uggurri bulchiinsi isaa Iiraan irra kaa’e biyyattii miidhuun mootummaan Iiraan mariidhaaf akka qophaahu kan dirqisiise tahuu hime.

 

Gama biraatiin ammoo ministeerri haajaa alaa Iiraan Javaad Zariif torbee dabre gara Faransaay imaluun, kora garee biyyoota G-7 cinatti Prezdaant Imaanu’eel Makaroon waliin sagantaa Niwkilarii Iiraan irratti kan mari’atan tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button