header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannooUSA

Prezdaantiin Kooriyaa Kaabaa biyyi isaa Kooriyaa kibbaa waliin haasayuuf qophii tahuu beeksise.

Prezdaantiin Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un biyyi isaa Kooriyaa kibbaa waliin haasayuudhaaf qophii tahuu beeksise. Kim Jong-un simannaa bara haarayaa ilaalchisee haasaya Telviziyoonaan ummata biyyattiitiif godheen, rakkoo biyyoota lamaan jidduu jiru furuudhaaf Kooriyaan kabaa biyya ollaa isii Kooriyaa kibbaa waliin haasayuuf yeroo hundaa qophii tahuu ibse.

 Ameerikaan garuu biyya isaa irratti waraana banuudhaaf kan yaaltu yoo tahe, qulfii Niwukilaraa harkaa qabutti kan fayyadamu tahuu beeksise. “Misa’eelli Niwukilarii keenyaa dachuu Ameerikaa guutuu rukutuu kan danda’u,Kana kan jedhuuf sodaachisuuf osoo hin taane dhugaa jiru waan taheef. kana boodas misaa’ela Baallastikii fi Niwukilara baadhatu kana baayinnaan oomishuuf hojjataa jirra”jechuun dubbate.
Prezdaant Kim walitti dhufeenya Kooriyaa lamaanii fooyyessuun dhimma hatattamaa tahuu ibsuun, “Dachii Kooriyaa guutuu keessatti nagaya buusuun akkan barbaachisaadha” jedhe. Kooriyaa lamaan walitti eda’uudhaaf carraaqqii godhamu keessatti wal amantiin keenya cimaa dhufuu qaba, dhimmoota walitti nu hidhan irratti walgargaarsa keenya cimsuu qabna, kanaaf immoo Kooriyaan lamaan kallattidhaan waliin haasayuu qabna”jedhe.
Waajjirri Prezdaantii Kooriyaa Kibbaa ibsa baaseen haasaya Prezdaant Kim Jong-un kana, mootummaan isaanii gammachuun kan simatu tahuu ibsuudhaan, kanuma hordofuun baatii dhufu keessa Olompiikii gannaa Kooriyaan Kaabaa qopheessitu irratti gareen Atleetiksii Kooriyaa Kibbaa kan hirmaatu tahuu ejensiin Odeeyfannoo Kooriyaa Kibbaa gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button