header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo Biyyaa

Prezdaantiin mootummaa Naannoo Somaalee haarawni eenyuudha?

Obbo Musxafaa Muhammad Umar prezdaantii mootummaa naannoo Soomalee tahuun mudame, obbo Musxafaan miseensa paartii naannicha bulchaa jiru tahuu dhabus waggoota lamaan dhufu iddoo Abdii Ilee bakka bu’uun akka naannicha bulchu muudamee jira.

Obbo Musxafaan yeroo amma kana kan jiraatu maatii isaa waliin Keeniyaa keessa yoo tahu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Dhimma mirga Namoomaa Somaaliyaa irra hojjataa jira. Eega biyya irra bahe Save the children dabalatee dhaabbilee dhuunfaa (NGO) hedduu irra hojjatuu himama.

Iddoo Dhaloota fi bara Dhaloota.

Bara 1964 akka lakkofsa Itoophiyaati magaalaa Awaaree kan magaalaa guddoo naannichaa Jigjigaa irra fageenya kiloomeetira 200 irratti kan argamtutti dhalate.

Sadarkaa Barnootaa

Barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa manneen barnoota magaalaa Dagahabuur fi magaalaa Hararitti barate.
Digrii jalqabaa Yuunivarsitii Finfinneetti damee barnoota Ikonomiksiitiin, Digrii 2ffaa barnoota Fageenyatiin London Imperial college jedhamu irra dammee Ikonoomiiksiitiin barate. Kanaan dura itti aanaa Hoogganaa Biiroo barnoota Naannoo Somaalee fi akkasumas Wiirtuu leenjii barsiisota Dr Abdulmajiid Huseen kan naannichatti argamutti hoogganaa tahuun tajaajilee jira.

Maaliif biyya irraa bahe?

Obbo Musxafaan kan biyya irra bahe eega bulchiinsi naannichaa dhiheenya kana aangoo irra kaafame Obbo Abdii Ilee gara aangoo dhufee booda yoo tahu, rakkoo bulchiinsi naannichaa yeroo san isaaf maatii isaa irraan gahaa ture jalaa maatii isaa qabatee Keeniyatti baqate.

Obbo Musxafaan Aktiivistoota naannoo Somaalee kan bulchiinsa Abdii Ilee mormuun beekamaan jidduu tokko yoo tahu, waggaa lama dura waan kana irraa akka dhaabatu jechuun bulchiinsi naannichaa akeekachiisee ture. Haata’uu malee mormii isaa dhaabuu diduu isaaf obboleessi isaa liyyuu poolisiin magaalaa Dagahabuur irraa ukkanfamee eega fuudhame booda ajjeefame jira.

Obbo Musxafaan rakkoo Nageenyaa naannicha keessatti baldhatee jiru kana furuuf sababa ni taha jedhamee eegama. Waggoota lamaan dhufanis bulchiinsa naannicha tahuu ni hojjata.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button