header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
FayyaaOg-BarruuSaayinsiif Teknoolojii

PUBG hin taphatinaa!

PUBG’n (PlayerUnknown’s Battlegrounds) geema mobaayila irratti fe’amu yoo tahu, ijoolleen teenya hedduun jaalala Geema PUBG kana akka qaban argine, keessumattu ijoolleen biyya keessa naannawa magaaloota gurguddoo fi biyyoota alaa gara gaaratti jiraatan Dahattee taphataa oolti. PUBG kanaaf maraatee kan hafuura namaa jibbee kophaa hafe hedduudha. Geemni kun fayyaa sammuu joollee teenyaa gaafii keessa galchee jira. Kana qofaa miti, amma hammeenya birootin as bahe..

Dhaabbanni PUBG tapha fakkeessee kaayyoo isaa ifoomsee jira. Sunis, hordoftoota Geema kanaa amantii irraa baasuudha. Keessattuu warri waan kana taphatu heddduun Muslima waan tahaniif, waan afaan qawweetin dadhaban, tapha kanaan Muslima gatantarsuuf hammeenya jabaatu karoorfame.

PUBG amma fooyya’een taphataan Taabotaaf(Sanamaaf) Sujuuda. Taabotaaf jilbiiffatee kadhatee gargaarsa irra barbaada. Eeganaa eebba Taabota saniitin cimee ka’ee carraaqee injifata. Taabotaaf Sujuudu malee, Taabotaaf if kennu malee hin injifatu. Akka Geema kanaatti abbaan injifannoo, kan nama injifachiisu Taabota. Kun Kufrii dha. Waan Islaamummaa irraa nama baasu.

Shakkii malee taphataan PUBG, osuma taphatuu Taabotaaf Sujuuduu tana ni jaalata jechuudha. Rabbi malee kan Sujuudaniif, Rabbi malee kan kadhatanii fi yaammatan jiraachuu dhabuu dagata. Gartanii bakka dubbiin geyse? Warra yaada badaa kana qabuutu tapha PUBG fidee qalbii joollee teenyaa hate. Itti dammaquu barbaachisa. Badii tana hanga dandeessan dhoorkaa.

Waan Geema irratti fooyya’e kana akka addunyaatti Muslimni waan kana naanneessu arkee lole. Dallansuu qabanis karaa Social Media tiin ibsataa jiran. Dubbiin tun deemtee Ulamaa bira, warra Azhar birallee geyse. Ulamaan ibsa jabaa baasan. Namni Muslimaa waan kana taphachuu akka hin qabne dhaaman. Guutumatti Muslimni Geema kanarraa akka fagaatu Azharis ifoomse.

Haaluma walfakkaatuun hammeenyaa fi rakkoo Geemni kun Ijjoolee irraan gaha jiru hordofuun, Biyyoota Islaamaa dabalatee biyyoonni hedduun akka biyya isaaniitti hin hojjanne ugguranii jiru.

Dallansuu Muslimootaa tana hordofuun dhabbanni Geema kanaa(PUBG MOBILE) “kasaaraa qabeenyaatu narra gaha” jedhee if sodaate. Geema keessaa kutaa Taabotaa san baasuu labse. Tahus, jalqaba maalif akkas godhuun akka barbaachise garuu waan dubbate hin qabu.

Kanaaf yaa joollee teenya, Diin keessaniif tumsaa. Geema kanaan sammuu if hin doomsinaa. Yeroofi qabeenyaas hin gubinaa. Islaamummaa teessan eeggadhaa.

 

7 Comments

  1. wallahi silaa waan Akkanaa kanaa obolewaan tiyyaa koophi godhuu barbaadee garuu nuuf hintahuu bayyee galatoomaa dhugaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button