Ibaadaa

Qabeenya halaal horatanii sadaqaa kennachuun sadarkaa namaa ol fuudha

Qur’aana keessatti warroonni sadaqaa kennan fakkeenya ajaa’ibaa qabu.

“Fakkiinyi warra qabeenya isaanii karaa Rabbii keessatti arjoomanii, akka fakkeenya firii [boqqolloo] mataa torba baaseti; mataa hunda keessa firii dhibbatu jira. Rabbiin nama fedheef dachaa taasisa. Rabbiin [kenni isaa] bal’aa, Beekaadha.” Suuratu Al-Baqarah 2:261

وَمَآ أَنفَقْتُم مِّن شَىْءٍۢ فَهُوَ يُخْلِفُهُۥ ۖ وَهُوَ خَيْرُ ٱلرَّٰزِقِينَ

“Wanta kam irraayyu waan isin kennattan Inni (Rabbiin) bakka ni buusa. Innis irra caalaa warra soorata (rizqii) kennaniiti.” Suuratu Saba’i 34:39


Rasuulli ﷺ akkana jedhan:- “Harka gubbaattu harka jalaa irra caala, harki gubbaa kan kennatu harki jalaa ammoo kana gaafatu ykn fudhatu”

حَدَّثَنَا أَبُو النُّعْمَانِ، قَالَ حَدَّثَنَا حَمَّادُ بْنُ زَيْدٍ، عَنْ أَيُّوبَ، عَنْ نَافِعٍ، عَنِ ابْنِ عُمَرَ ـ رضى الله عنهما ـ قَالَ سَمِعْتُ النَّبِيَّ صلى الله عليه وسلم ح‏.‏ وَحَدَّثَنَا عَبْدُ اللَّهِ بْنُ مَسْلَمَةَ، عَنْ مَالِكٍ، عَنْ نَافِعٍ، عَنْ عَبْدِ اللَّهِ بْنِ عُمَرَ ـ رضى الله عنهما ـ أَنَّ رَسُولَ اللَّهِ صلى الله عليه وسلم قَالَ وَهُوَ عَلَى الْمِنْبَرِ، وَذَكَرَ الصَّدَقَةَ وَالتَّعَفُّفَ وَالْمَسْأَلَةَ ‏ “‏ الْيَدُ الْعُلْيَا خَيْرٌ مِنَ الْيَدِ السُّفْلَى، فَالْيَدُ الْعُلْيَا هِيَ الْمُنْفِقَةُ، وَالسُّفْلَى هِيَ السَّائِلَةُ ‏”‏‏.‏

Sahih al-Bukhari 1429

Rabbi waan kennannu nu hin dhoorkin, Qabeenya halaal kan karaa isaa kheeysatti baasnu nuuf haa hiru.

Show More

...

Back to top button