header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Qajeelfamoota Labsii muddamaa Dhibee Koroonaa Vaayiras ittisuuf bahe jidduu muraasni fooyya’e

Ministeerri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa qajeelfamoota tatamsaa’a COVID-19 to’achuuf bahe jidduu, Qorannoo reefka,sirna Awwaalchaa, iddoo tursiisa dirqama fi mana ofiitti adda of baasanii turu, ilaalchisee fooyya’iinsi taasifamuu ibsite.

Qajeelfamni duraan reefki namoota dhibee gara garaatiin du’aanii qoratamee hanga bu’aan laaboraatorii dhufu, sirni awwaalcha akka hin raawwatamne daangessu fooyya’uun, hawaasni of eegannoo barbaachisaa ta’e godhuun sirni awwaalcha akka raawwatamu hayyamamee jira. Hata’uu malee lakkoobsa namoota sirna Awwaalchaa irratti argamanii ilaalchisee, qajeelfamni namoota 50 irratti daangessu kan hin jijjiiramin tahuu beeksiste.

Iddoo tursiisa namoota dhibee Koroonaa Vaayirasiin qabamanii ilaalchisee, namni COVID-19’n qabame, fedhii nama manaatti isaan tajaajiluu fi maatii isaanii irratti hunda’uun, akkasumas haali jireenya nama sanii yoo ulaagaa kaahame kan guutu ta’e kan hayyamamu tahuus ibsame.

Namoota biyya alaa irraa dhufan ilaalchisee, biyya osoo hin seenin guyyaa 3 dura biyya jiraniitti qorannoo COVID-19 taasisanii, ragaa qulqulluu tahuu isaanii ibsu kan qaban yoo ta’e, qorannoon qofti godhameef mana ofiitti guyyoota 14 kan tursiifaman tahus ibsame.

Akkasumas namoonni ragaa dhibee kanarraa qulqulluu tahuu isaanii mul’isu qabatanii biyya alaa irraa hin dhufin immoo, qajeelfama duraan guyyaa 14 iddoo tursiisa addaa akka turan jedhu, diqqeessuun guyyaa 7 akka tahu kan murteeffame tahuu gabaafame

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button