header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Ibaadaa

Qalbiin akka Tasgabbooftuuf Zikrii heddumeeysaa!

Amantiiwwan fuula dachee kanarra jiran keessaa, amantiin ajajoota Rabbii hojirra oolchuudhaan gammachuu addunyaatii fi Aakhiraa nama gonfachiisu Islaamummaa qofa.
Islaamummaan dawaa keessooti. Tasgabbii qalbiiti.
(ٱلَّذِينَ ءَامَنُوا۟ وَتَطْمَئِنُّ قُلُوبُهُم بِذِكْرِ ٱللَّهِ ۗ أَلَا بِذِكْرِ ٱللَّهِ تَطْمَئِنُّ ٱلْقُلُوبُ)
“Warroota Rabbitti amanan, qalbiin isaanii zikrii (faaruu) isaatiin tasgabboofti. Hubadhaa! yaadannoo Rabbiitiin qalbiin tasgabbii argatti.” Suuraa Arra’ad Aayata:28
Faallaa kanaa immoo’ addunyaa kana keessa ummata tasgabbii dhabuun dhukkuba dhiphachuutiin miidhamantu jiru. Rabbiin sababa dhiphachuu akkanatti ibsa
(وَمَنْ أَعْرَضَ عَن ذِكْرِى فَإِنَّ لَهُۥ مَعِيشَةًۭ ضَنكًۭا وَنَحْشُرُهُۥ يَوْمَ ٱلْقِيَٰمَةِ أَعْمَىٰ)
“Namni gorsa kiyya (fudhachuu didee) irraa garagale (addunyaa fi qabrii keessattis) jiruu dhiphootu isaaf jira. Guyyaa qiyaamaas nama ija hin qabne isa goonee (dirree walgeettitti) isa oofna.” Suuraa Xaahaa Aayata :12

Zikriiwwan Rabbiin ittiin yaadannu keessaa Zikriin halkan/galgala jedhamu isa armaan gadiiti!

أَمْسَيْنا وَأَمْسَى الْمُلْكُ للهِ رَبِّ الْعَالَمَيْنِ، اللَّهُمَّ إِنَّي أسْأَلُكَ خَيْرَ هَذَه اللَّيْلَةِ فَتْحَهَا ونَصْرَهَا، ونُوْرَهَا وبَرَكَتهَا، وَهُدَاهَا،
وَأَعُوذُ بِكَ مِنْ شَرِّ مَا فيهِا وَشَرَّ مَا بَعْدَهَا

“Nuti galgaleessifanne. Mootummaanis kan Rabbii ta’ee galgalaaye. Rabbii Aalamaa kan tahe, Yaa Rabbi An si kadha. toltuu halkan kana keessa jiruu, Banaa isiidha, Tumsa isiidha, ifaa isiidhaa, Barakaa isiidhaa, Qajeelluma isiidhaa si kadha. Sittiin maganfadha hamtuu halkan tana keessa jiruufi hamtuu isii booda jiru irraa.”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button